Daataa qusachuuf barreeffama qofa dubbisi Madda suuraa, Reuters Maxxanfame Daqiiqaa 27 dura Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2 Pirezidaant Doonaald Tiraamp US xayyaarota waraanaa fageenya dheeraa imaluun haleellaa gaggeessaan buufata waraanaa UK keessaa kan baaste "yaaddoo nageenyarraa" kan ka'e ta'uu ibse. Xayyaaronni waraanaa kunneen B-1 jedhamuun kan beekaman yoo ta'u, waraana Iraanin wal-qabatee buufata humna qilleensaa UK kan Royal Air Force Fairford jedhamurraa ka'uun Iraanirratti haleellaa gaggeessaa turan. Peentaan Dilbata dabe, xayyaaronni waraanaa kunneen sababa waraana Iraaniin gara UK geeffaman sababa haleellaan irratti gaggeeffamuu mala jedhuun achii baasuu beeksise.
Tiraampis ammoo Wiixata gaazexeessitootatti akka dubbatetti, "yaaddoon wayii jira" jechuun xayyaaronni haleellaa tarsiimawaafi gurguddaa gaggeessuun beekaman UK keessaa baafamuun gara US geeffamuu dubbate. Fulbaana darbe naannoo buufata humna qilleensaa UK bakka xayyaaronni waraanaa US jiranitti pooliin namoota hayyama malee argaman jedheefi shakke to'achuu beeksisuu hordofee yaaddoon "xayaarota waraanaa US irratti haleellaan gaggeeffamuu mala" jedhu jabaataa dhufe. Xayyaaronni kunneen achii baafamuun taatee namoonni shakkaman to'atamuu booda kan wal-qabatu ta'uutu ibsame.
Tiraamp turtii miidiyaalee wajjin taasiseen taateen buufata waraanaa UKtti mudate US xayyaarota waraanaa akka achii baaftu taasiseera? Yaaddoo akkamiiti? kan jedhu gaafatamee ture. "Xayaaronni kan achii baafaman sababa malee miti.
Yaaddoon wayii tureera. Eenyu akka yaaddoo nageenyaa uumes US ni beekti," jechuun dubbate Tiraamp. US xayyaarota waraanaa tarsiimawaa haleellaa gurguddaa gaggeessan B-1 jedhaman buufata humna qilleensaa RAF Fairford keessaa akka baastu kan taasise yaaddoo nageenyaa akkamii akka ta'e Tiraamp hin ibsine.
Haa ta'u garuu, maddeen BBCtti akka himanitti USfi Iraan gidduutti haleellaan yoo eegale xayyaarota waraanaa US akkaan qaalii ta'an irratti haleellaan gaggeeffamuuf karoorfamuu akka hin oolle ibsame. Miidiyaaleen akka New York Times, Wall Street Journal, fi Axios akka gabaasanitti, xayyaarota waraanaa USfi loltoota achi jiran irratti haleellaa gaggeessuuf karoorfamuun waan hin oolledha. Taatee buufata humna qilleensaa UKtti mudateen wal-qabatee poolisiin namoota shan to'achuun shakkii "shororkeessummaan" qorannoo irratti gaggeessaa jira.
UKn namoota to'atte wabiin gadi lakkistus Tiraamp tarkaanfii UK kana mormeera. Qondaalonni US ammoo taatee buufata xayyaaraa UK bakka xayyaaronni Ameerikaa buufatanii turanitti mudate duuba Iraan jiraachuu akka hin oolle himu. Dabalata argadhu Odeessa kana irratti dabalata
Source: BBC
Latest · Capitals Wire

